Dhaloonni Haa Baratu!

Hoggantoonni fi miseensonni dhabbata Mul’ata Nagaa fi Guddina (Peace and Development Mission) mata-duree “Dhaloonni Haa Baratu!” jedhuun, bara barnootaa 2019 A.L.Itti barattoota 7,500f meeshaalee barnootaa, akkasumas barattoota dubaraa 105f meeshaalee qulqullinaa kennuun barattootaaf deeggarsa fi aantummaa qabaachuu isaanii hojii qabatamaan agarsiisaniiru.

Barnootni bu’uura egeree biyya tokkoo fi abdii dhaloota dhufu ittiin ijaaramuudha. Kanaaf, barattoonni barnoota isaanii haala gaariin akka hordofan gargaaruun, invastimantii yeroo dheeraa dhalootaaf taasifamuudha.

Dhaabbanni Mul’ata Nagaa fi Guddina (Peace and Development Mission), deeggarsa barnootaa kanaan alattis, hojiiwwan gargaarsa namoomaa fi tola-ooltummaa garaagaraa keessatti hirmaachuun, jaalala cimaa fi deeggarsa uummataaf qabu hojii qabatamaan ibsaa jira.
Hoggantoota, miseensota, fi hirmaattota hojii tola-ooltummaa kana keessatti yeroo, qabeenya, beekumsa fi humna keessaniin gumaacha taasiftan hundaaf galata fi kabaja guddaa kan qabnu ta’u ibsa.

Hojii tola-ooltummaa fi gargaarsa namoomaa jalqabne kun fuuldurattis caalaatti cimee itti fufa. Wal tumsuun, wal deeggaruun fi waliif dhaabbachuun dhaloota abdachiisaa fi biyya badhaate ijaaruun ni danda’ama.

dhabbata Mul’ata Nagaa fi Guddina (Peace and Development Mission) barattoota, maatii, barsiisotaa fi hawaasa barnootaa hundaaf bara barnootaa 2019 A.L.I. bara milkaa’inaa, beekumsaa, abdii fi bu’aa qabeessa akka ta’u hawwa.

Dhaloonni Haa Baratu; Abdiin haa ifuu!
Barnootaan Egeree Biyya Keenya Haa Ijaarru!

Dhaloonni haa baratu

Building a better future through peace, education, and community empowerment.

Quick Links

LIVE LOCATION

© 2026 Peace & Development Mission. All rights reserved.

Scroll to Top