Ashaaraa magariisaa; Nageenya, Misooma fi Kaayyoo uumamaa wal qixxeessuu !Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun dirqama ilma namaati. Galmi isaa dhiqama biyyeefi mancaatii qabeenya uumamaa ittisuun madaala uumamaa tiksa. Kunis uumamni hundi sirnakkoo eeganii akka jiraatan taasisuun jiraachuu lubbu qabeeyyii maraaf wabii ta’a.Biyyi keenyas damdamannaa qabeenya uumamaa ijaaruun galma misooma dinagdee magariisaa milkeessaa biyya magariituu ijaaruuf hojjechaa jirti.
Kanaafis sagantaan Ashaaraa magariisaa hojiirra oolfamuun akka biyyaatti waggoottan torban darban biqiltuun gosa garaagaraa biliyoona 48 dhaabuun injifannoo galmeessuun danda’ameera. Galma akka biyyaatti qabame kana milkeessuuf duula ashaaraa magariisaa bara 2011 eegaleen waggoottan 7 darban biqiltuuwwan gosa garaagaraa biliyoona 28 dhaabamaniiru. Kanaanis uwwisni bosona naannichaa %17 ture gara % 29tti guddachuu danda’eera. Kunis gama tokkoon eegumsa qabeenya Uumamaa cimsuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun cinatti sodaa hongeefi jijjiirama qilleensaaf wabii ta’eera.
Bara kanas naannichatti biqiltuu bil. 4.8 dhaabuuf karoorfame bqiltuun bil. 5.3 qophaa’uun dhaabbiin biqiltuus sagantaa duulaafi idileen gaggeeffamaa jira.Magaalaa Shaggarittis hojii sagantaa Ashaaraa magariisaan hojjetameen Uwwisa bosonaa 11.7 irraa 21.98 tti guddisuun kan danda’ame yoo ta’u, bara kanas biqiltuuwwan gosoota garagaraa miliyoona 19.1 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sabbataa Aanaa Caffeetti duulli dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabbata keenya ‘Peace and Development Mission’ dhaan gaggeeffameera.Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:
Fuula Facebook Keenya hordofaa:
https://web.facebook.com/share/p/1BSrMxPGcL/